Aadaa, yaada, ilaalcha namootaatti fayyadamuun ergaa isaa kaninni ittiin dabarse Macaafa Qulqulluu dha. Barri kan hin jijjiirre dhugaa kan qabate yoo ta’u,Waaqayyo : Barreeffama namootaan. Macaafa kamiyyuu dura macaafa maxxanfamee fi Afaanoota baay’eens hiikame dha. Macaafni Qulqulluun: Samii irra kan Gad bu’e osoo hin taane Afaan namootaan Seenaa namootaa Aadaa namootaa fi Yeroo namootaaf kenname kessatti ergaan waaaqayyoo kitaaba (macaafa) ittiin darbe dha. Waa’ee macaafa qulqulluu maalummaa isaa sirriitti yoo hubanne akkasumas karaa sirrii hin taane hiikuun rakkoo inni fidu yoo ilaaluu dandeenye, Macaafa Qulqulluu hiikuun maalif akka barbaachise beekna. Tokko tokko immoo macaafa qulqullu kan hiikan luboota qofa jedhanii amanu. Kaanimmoo kutaa macaafa qulqulluu tokko irra dedeebi’u dubbisuun in ga’a jedhu. Sababni isaas kadhannaadhaan hubannaa gaariin argadha jedhanii waanyaadaniif. Tokko tokko: Macaafa Qulqulluu hiikuun hin barbaachisu kadhachuudhaan yoon dubbise in ga’a jedhu. Seensa (Introduction) Waa’een hiikkaa macaafa qulqulluu yeroo ka’u, ilaalcha adda addaa namoonni qaban akka jiran beekamaa dha.